Itiyoophiyaan michummaa walqixaan misoomuu fi walitti hidhamuuf qophooftuu dha – Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee

Finfinnee, Amajiii 26, 2018 (FMC) – Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen Itiyoophiyaan michooma walqixa ta’een addunyaan walitti hidhamuu fi misoomuuf qophooftuu dha jedhan.

Waggaa wagaan biyya Araboota Gamtoomanii Dubaayitti kan qophaa’u yaa’iin walmaree mootummoota addunyaa geggeeffamaa jira.

Pirezidaanti Tayyeen yaa’icha irratti dubbii dubbataniin, Itiyoophiyaan tarsiimoowwan ce’umsa indaastirii Afrikaa tumsan hojiirra oolchaa jirti jedhan.

Hidha Haaromsaa Guddicha humna ofiin ijaarames akka fakkeenyaatti eeranii, hidhichi humna Meegaa Waatii kuma 6 ol maddisiisuu akka danda’us ibsaniiru.

Dabalataanis nyaataan of danda’uuf qamadii alaa galchuurraa gara oomishtuu qamadii Afrikaa ta’uutti ce’uu ishee kan kaasan pirezidaanti Taayyeen, bara darbe buna meetrik toonii kuma 600 fi kuma 40 oomishuu ibsaniiru.

Waggaatti imaltoota miliyoona 100 fi miliyoona 10 fi ba’aa toonii miliyoona 3 kessumeessuuf humna kan qabu Buufatni Xiyyaaraa Bishooftuus ijaarsi isaa doolaara Biliyoona 12.5’n eegalamuu eeranii, kunis hojiiwwan ce’umsa indaastirii Afrikaa tumsan keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan dhaabbilee Faayinaansii cimsuun akkasumas tumsa dameelee dhuunfaa fi mootummaa guddisuun hirmaannaa damee dhuunfaa fi hoji uumtotaa caalmaatti akka jajjabeessitu hubachiisaniiru.

Itti dabaluunis, Afrikaan addunyaa ariitiin jijjiiramaa jiru keessatti akka daawwataatti osoo hintaane, akka qoodafudhataa cimaatti ilaalamuu qabdi jedhan.

Itiyoophiyaanis ta’u Afrikaan michooma walqixa ta’een wa’itti hidhamuu, mosoomuu fi hirmaachuuf qophaa’oo ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.

Jijiirama addunyaan walqabatee tekinooloojiiwwan haaraa, humni haaromfamaa, tekinooloojiin hubannaa namtolchee fi faayinaasiin dijiitaalaa misooma Afrikaa ariifachiisuu fi gufuuwwan caaseffamaa yeroo dheeraa ce’uuf carraawwan gaarii ta’uus ibsaniiru.

Faayidaa tarsiimawaan Galaana Diimaa daldala addunyaa %12 keessummeessuu guddaa ta’uus eeranii, yaadama dhiphaa naannawaa keessaa ba’uuf tumsa idil addunyaa akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Nuti Afrikaanonni tumsa fayyadamummaa waloo irratti hundaa’e ijaaruun ejjennoo keenya walitti araarsuu qabna jechuunis akeekkachiisaniiru.

Michoomni idil addunyaa haqa qabeessi jiraachuu akka qabu eeranii, Itiyoophiyaan jijjiirama idil addunyaa irratti ga’ee irraa eegamu ba’uuf kutannoo akka qabdus dubbataniiru.

Soosinnaa Alamaayyoon

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment