Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti- Dooktar Kaasaahun Goofee

Finfinnee, Mudde 2, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofeen.

Waltajjiin marii adeemsa miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa irratti xiyyeeffate mata duree “ Itiyoophiyaa daldalaan walitti hidhuun gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu” jedhuun gaggeeffameera.

Dooktar Kaasahun Goofee wayita kana Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf marii gaggeessituun gaaffiiwwan kumni 1 fi 50 dhiyaachuufii kaasanii, gaaffiiwwan hundaaf deebii kennuu ibsan.

Dhaabbanni Daldalaa Addunyaa uummata addunyaa %96 kan hammate ta’uufi biyyoota miseensa 166 qabaachuu eeruun, Itiyoophiyaanis miseensa ta’uuf bara faranjootaa 2003 gaaffii dhiyeessuu yaadachiisaniiru.

Miseensa dhaabbatichaa ta’uuf yeroo dheeraaf marii fi gaaffii biyyoota miseensaarraa ka’aniif deebiin kennamaa turuu kan eeran Dooktar Kaasahuun, kanaanis Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf bara Faranjootaa Caamsaa 6, 2008 marii gaggeessuu himan.

Bara Faranjootaa baatii Amajjii 2020 marii 4ffaa murannoon eegaluu dubbachuun, bara Faranjootaa baatii Fulbaanaa 2025 ammoo mariin marsaa 6ffaa gaggeeffamuu ibsan.

Biyyoota miseensaa 56 waliin mariin hundagaleessi godhamuu fi Turki, Arjantiinaa, Chaayinaa fi Raashiyaa waloon mariin waloo haala gaariin gaggeeffamuu eeran.

Adeemsa marichaan seeroonni 410 fooyyeffamuu fi waliigalteewwan dirqamaa 32 mallattaa’uu himan.

Leeykuun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment