Itiyoophiyaan misooma idil addunyaaf ga’ee irraa eegamu ba’uuf kutannoo qabdi – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 13, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan qajeeltoo Ida’amuun misooma idil addunyaaf ga’ee irraa eegamu ba’uuf kutannoo qabdi jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad walga’ii hoggantoota biyyoota miseensa garee 20 irratti dubbii dubbataniin, biyya qaroomaamfi seenaa durii ta’uu ibsan.

Falaasamni ‘ida’amuu’ jedhu hafuura moo’amuu dhabuu Itiyoophiyaanotaa irraa kan maddu ta’uu fi garaagarummaa keessatti tokkoomuun humna kuufamaa adda addaa walitti fiduun waan fooyya’aa hojjechuu ta’uu isaas ibsaniiru.

Hafuura kanaan hogganamuun Itiyoophiyaan guddina hunda hammate galmeessaa jirti, magaalonni ishees buufata kalaqqiiwwanii ta’aa jirus jedhan.

Paarkiiwwan indaastirii dinagdee ijaaraa jiru, qonnaan bultoonnis meeshaalee qonnaa ammayyatti fayyadamaa jiru, dargaggoonnis kalaqqiiwwan ajaaybsiisaa dhugoomsuu eegslaniiru jechuun ibsan.

Haiyyummaan kan beekamtu Itiyoophiyaan seenaan ishee saffisaan jijjiiramaa jira kan jedhan Dooktar Abiy, imalli guddinaa Itiyoophiyaa hongeen, waraanni fi qormaatileen idi addunyaan yoo mudatanis daandii abdachisaa irra jirti jedhan.

Itiyoophiyaan humna haaromfamuun, bu’uuraalee misoomaa dijiitaalaan, hojiilee hedduu hojjechuun lammiilee ishee walittifidaa kan jiru yoo ta’u, damee qonnaanis hojii quufsaan hojjetameera jedhan.

Hojiiwwan jijjiirama qilleensaan waggoota darban biqiloota biliyoona 48 dhaabuu kan danda’amu kan dubbatan Dooktar Abiy, biyyoonni addunyaa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo fudhachuu danda’a jedhan.

Guddina itti fufaa fi hammataa ta’e dhugoomsuun Afrikaaf murteessaa ta’uus kaasaniiru.

Abeel Niwaayiin

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment