Finfinnee, Waxabajjii 13, 2017(FMC)- Itiyoophiyaan yaadama man-dhalee maddisiisuun Paan-Afrikaaniizimiin akka cimuuf gahee ishee bahachaa jirti jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministirri Waamamaa Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen.
Dooktar Tasfaayee Baljigeen Waltajjii Marii Ardaa Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa mata duree “ Paan- Afrikaaniizimii Cimsuu” jedhuun qopheesserratti waraqaa marii dhiyeessaniiru.
Afrikaanonni injifannoo Itiyoophiyaan Adwaarratti galmeessisteen kaka’umsa horachuun sosochii Paan-Afrikaaniizimii finiinsuun birmadummaa isaanii labsuu yaadachiisaniiru.
Yaadamni Paan-Afrikaaniizimii Gamtaan Afrikaafi dhaabbileen naannawaa biroon akka hundeeffaman dandeessisuus ibsan.
Itiyoophiyaan baroota garaagaraatti guddina yaadama Paan-Afrikaaniizimiif ashaaraa kaa’uu yaadachiisuun, ammas itti fufteetti jedhan.
Keessumaa jijjiiramaan as yaadama ida’amuun hojiileen riifoormii Itiyoophiyaan eegalte Paan-Afrikaanizimiin akka cimuufi badhaadhina ardiif gahee olaanaa kan qaban ta’uu ibsaniiru.
Piroojektoonni Hidha Haaromsa Guddichaafi Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaa yaadama Paan-Afrikaaniizimii bara kanaaf gahee ijaarsaa bahachaa akka jiran kaasan.
Jaarraa 21ffaa keessa Paan-Afrikaaniizimiin qormaatilee dhaabbattummaa, siyaasaa, hawaasummaafi diinagdee qabaachuu eeruun, rakkooleen Afrikaa beekumsaafi ogummaa Afrikaan akka furamaniif tattaaffiin eegalame abdachiisaa ta’uu dubbatan.
Hiyyummaan, booddeetti hafummaafi dhiibbaan sirna bittaa harka jalaa sosochii Paan-Afrikaaniizimiif qormaata ta’aa akka jiran kaasanii, sirni barnootaa Afrikaa bu’uura aadaafi duudhaa Afrikaanotaan bocamuu akka qabu hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.