Finfinnee, Caamsaa 18, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan qabeenya bishaaniifi inarjii haala yeroon barbaaduun faayidaarra oolchuuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan ibsan.
Ministeerri Bishaaniifi Inarjii wixinee imaammataa Bishaaniifi Inarjiirratti galtee sassaabuuf qaamolee qooda fudhattootaafi deeggartootaa waliin mari’ateera.
Itiyoophiyaan qabeenya bishaaniifi inarjiirraa faayidaa hunda galeessaa argachuu qabdu akka argattuufi damicha ciminaan hogganuuf imaammanni murteessaa ta’uu Dooktar Injinar Habtaamuun waltajjcharratti ibsaniiru.
Kana dhugoomsuuf imaammata bishaaniifi inarjii sadarkaa barri irra gahe madaalu qopheessuun barbaachisaa ta’uu eeruun, wixinee imaammata qabeenya bishaanii Itiyoophiyaarratti qaamolee garaagaraa hirmaachisuuf qophaa’uu kaasaniiru.
Wixineewwan kunneen qabeenya bishaaniifi inarjii haalaan faayidaarra oolchuufi bulchuuf akkasumas haala waliin gahiinsa haqa qabeessa mirkaneessuu danda’uun qophaa’uu himaniiru.
Hojiilee dameewwan bishaaniifi inarjii irratti hojjetaman dhugoomsuuf hojii mootummaan hojjetu qofaan guddisuun ulfaataa ta’uu kaasanii, wixineen imaammataa bahe abbootii qabeenyaa dhuunfaa kan hirmaachisu ta’uu ibsaniiru.
Damee inarjiin fayyadamummaafi waliin gahiinsa haqa qabeessa taasisuurratti jijjiirama qabatamaa fiduuf wixinee imaammataa qophaa’erratti qooda fudhattoonni gaheesaanii akka bahatan gaafachuu isaanii TOI gabaaseera.