Itiyoophiyaan seenaa hin himamnee fi qabeenya waraabamee hin dhumne hedduu qabdi – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) –Itiyoophiyaan seenaa hin himamnee fi qabeenya waraabamee hin dhumne hedduu qabaachuu Holqi Naasi’ool agarsiiftuu guddaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaaniin durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Ballootti kan argamu Holqa Naasi’ool daawwataniiru.

Holqicha keessa hanga meetira 500 imaluun daawwachuu kan dubbatan Dooktar Abiy Ahimad, wantoonni qalbii namaa hawwatan hedduun achi keessa jiraachuu ibsan.

Albuudonni gosti adda addaa faayidaa diinagdee olaanaa qaban holqicha keessatti hedduminaan kan argaman ta’uu agarreerra jedhan.

Keessattuu dhagaawwan daraan qaalii ta’an kanneen akka Giraanaayitii fi Maarbilii dabalatee albuudonni hedduun holqicha keessatti hedduminaan kan argaman ta’uu himan.

Holqi Naasi’ool ammas qorannoo bal’aa barbaada jedhan Dooktar Abiy daawwannaa taasisaniin booda yaada kennaniin.

Godinni Harargee Bahaatti bu’uuraaleen misoomaa guuttamnaan qabeenyi jireenya lammiilee jijjiiruu fi diinagdee Itiyoophiyaaf gumaacha olaanaa qaban jiraachuu kaasan.

Godinichi iddoolee hawwata Tuurizimii dinqisiisoo ta’an hanga ammaatti ifatti hin beekamne baay’ee qabaachuu kaasan.

Seenaa keenya isa dhugaa baruuf karaa sirrii fi ragaa qabatamaan hojjechuun murteessaa ta’uu eeran.

Hojiin Qabeenya Itiyoophiyaa adda baasanii beekuu qorannoo fi qo’annoo bu’uura godhate hojjetamuu akka qabu yaadachiisan.

Daawwannaan Godina Harargee Bahaatti taasiifne qabeenya keenya sirnaan beekuu akka qabnu kan irraa baranneedha jedhan.

Hayyoonnii fi beektoonni iddoolee kanneen irratti qorannoo sirrii akka gaggeessan gaafatan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment