Itiyoophiyaan Sirna Fayyaa cimaa ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2018 (FMC) – Waltajjin Marii tajaajila fayyaa qulqullina qabu kennuuf dandeessisu qopheessummaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaan gaggeeffamaa jira.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen waltajjirratti argamaniiru.

Obbo Ahimad Shideen wayita kanatti, Itiyoophiyaan damee fayyaa fooyyeessuufi sirna fayyaa cimaa ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan dhimmoota ijoof xiyyeeffannoo kennuun inshuraansii hawasaa babal’isuu, eegumsa fayyaan Itiyoophiyaan naannawicha akka dursitu taasisu, waggoottan sadan dhufanitti baasii damichaa %20 qaqqabsiisuu akkasumas hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu ta’uu kaasaniiru.

Dabalatanis Itiyoophiyaan dandeettii qoricha oomishuu ishee guddisaa jiraachuu eeruun, biyyoota naannawaa daldala bilisaa Afrikaaf erguuf karoorfatee hojjechaa jirtis jedhan.

Waltajjichaan Itiyoophiyaan Saganata waliingahiinsa Fayyaan biyyoota filaman saddeet keessaa tokko ta’uun ishees ifoomeera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment