Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan sirni maallaqaa addunyaa misooma waaraa biyyoota guddachaa jiranii kan bu’uureffate fi haqa qabeessaa akka ta’uuf waamicha dhiyeessite.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen Walga’ii Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-Addunyaa gaggeeffamaa jiruun cinaatti Waga’ii 114ffaa biyyoota Garee 24 irratti hirmaataniiru.
Waltajjicharratti Maaneejiingi Daayrektara Dhaabbata Maallaqaa Idil-Addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa fi Maaneejiingi Daayrektara Baankii Addunyaa Anaa Beerdeen dabalatee Ministiroonni Maallaqaa biyyoota miseensaa argamaniiru.
Obbo Ahimad Shiideen haasawa waltajjicharratti taasisaniin, sirni maallaqaa addunyaa biyyoota guddina irra jiraniif waliingahiinsa maallaqaa haqa qabeessa mirkaneessu jiraachuu akka qabu hubachiisan.
Waamichi adeemsi idaa siqsuu hojiirra akka ooluuf biyyoonni miseensa Garee 24 bu’uura hammattoo waloo biyyoota Garee 20 dhiyeessan yeroo isaa kan eeggate ta’uu kaasanii, hojii gama Kanaan hojjetame dinqisiifataniiru.
Maaneejiingi Daayrektaroonni Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-Addunyaa wayita kana, dhaabbileen isaanii hojiilee biyyoota miseensa Garee 24 waliin hojjetan cimsanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.
Fooyya’iinsa diinagdee biyyoota miseensa garichaan hojjetamaa jiran dinqisiifachuun misoomni hammataafi waaraan akkasumas fooyya’iinsonni sirna maallaqaa tasgabbaa’aa mirkaneessuuf eegalaman cimanii itti fufuu akka qaban hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.