Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan taphoota Olompikii dargaggoota Afrikaa 5ffaa akka qopheessitu filatamteerti.
Taphoota Olompikii dargaggoota Afrikaa 4ffaa Angoolaa Magaalaa Luwaandaatti gaggeeffamaa jiruun gaaffiin Itiyoophiyaan dorgommicha qopheessuuf dhiyeessite yaa’ii waliigalaan fudhatama argateera.
Pireezidaantiin Koree Olompikii Itiyoophiyaa Dooktar Ashabbir Walda Giyoorgis haala qophii olompikichaa ilaalchisee yaa’ichaaf ibsa kennaniiru.
Mootummaa fi Ummanni Itiyoophiyaa waltajjii guddaa kana keessummeessuuf fedhii olaanaa qabaachuu himan.
Bu’uuruma gaaffichaan Yaa’iin Waliigalaa Itiyoophiyaan taphoota Olompikii dargaggoota Afrikaa 5ffaa akka qopheessitu sagalee caalmaan raggaasiseera.
Mubaarak Faantaawuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.