Itiyoophiyaan tattaaffii milkaa’ina ajandaalee ardichaaf taasistu cimsitee akka itti fuftu beeksiste

Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) – Galmoonni Afrikaan gama hundaan of danda’uuf qabatte akka milkaa’aniif tumsi biyyoota ardichaa barbaachisaa ta’uu Ministir Daataan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraan ibsan.

Guyyaan hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii, Gamtaa Afrikaa ammaa waggaa 62ffaan qophilee garaagaraan kabajamaa jira.

Sagantaa kanarratti hoggantoonni olaanoon gamtichaa, bakka buutonni biyyoota miseensa gamtichaa, hawaasni dippiloomaasii, dhaabbileen siiviilii hawaasaafi qaamoleen garaagaraa hirmaachaa jiru.

Ambaasaaddar Hadaraa Abarraan saganticharratti akka jedhanitti,  abbootiin Afrikaa duraanii mul’ata tokko qabaachuun Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa dhugoomsuun boqonnaa seenaa haaraa bananiiru.

Mul’ata isaanii kana milkeessuuf murannoon hojjechuun akka barbaachisu eeraniiru.

Afrikaa nagaa qabeettiifi gamtoomte dhugoomsuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaadha jechuusaanii TOI gabaaseera.

Gaffii haqaa Afrikaafi ajandaa Afrikaa sadarkaa idil-addunyaatti mul’isuuf tattaaffii fi tumsi diyaaspooraa Afrikaa cimuu akka qabus kaasaniiru.

Afrikaan diinagdeen akka of dandeessuuf inisheetiiviin naannawaa daldala bilisaa bu’uura tumsaa guddaa ta’uu himaniiru.

Damee diijitaalaan Afrikaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu akka taatuuf hojiileen hubannoo nam-tolcheefi dameewwan saayinsiifi teeknooloojii biroorratti hojjetaman cimanii itti fufuu akka qabanis eeraniiru.

Itiyoophiyaan ajandaaleen ardichaa akka milkaa’aniif hirmaannaan ishee cimee itti fufa jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment