Itiyoophiyaan teessuma lafaan hidhamtee barabaraan jiraatti jedhanii yaaduun du’uudha

Finfinnee, Fulbaana 7, 2018 (FMC) – Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan teessuma lafaan hidhamtee barabaraan jiraatti jedhee kan yaadu du’aadha jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad sirna eebbaa kitaaba ‘Mootummaa Ida’amuu’ irratti ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan nagaaf dursa kennuun hiyyuummaa irratti akka duultu dubbatan.

Itiyoophiyaan balbala ittiin baatee galtu ni tolfatti, kun dhimma hin oolleedha kan jedhan Dooktar Abiy, kun yoo milkaa’u nuti jiraachuu baannus ijoolleen keenya hiyyeeyyii biyya cufamte keessa jiraatan utuu hintaane, ijoollee hojjettoota seenaa ta’anii ofirra darbanii biyyoota biroo warra gargaaran ta’u jedhan.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf waraana barbaachisa jettee akka hin yaannee fi gaaffii ishee karaa nagaan dhiyeessaa turuu ibsanii, dhaloonni Galaana Diimaa deebisanii gaafachuu sodaatuu fi shakku jiraachuu hinqabu jedhan.

Itiyoophiyaan rakkoo ulaa galaanaa obbaafachuu qabdi jennee yaadna, kana irrattis qaama kamuu waliin karaa nagaan mari’achuuf eeyyamamoodha jechuun hubachiisaniiru.

Biyyattiin boru ofirra darbitee biyyoota obbolaa kan gargaartu ta’uu akka qabdus hubachiisan.

Kanaafis mootummaan har’a irra taa’ee boru beekuu akka qabu kaasan.

Soosinnaa Alamaayyoon.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment