Itiyoophiyaan uummata ishee waliin mari’achaa rakkoolee ce’aa milkaa’ina itti fufsiisti- TKM

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2017 (FMC)- Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaan uummata ishee waliin mar’achaa, rakkoolee ce’aa milkaa’ina ishee itti fufsiisti jedhe.

Tajaajilichi marii tibbana Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’oota kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin mari’atan ilaalchisuun ibsa baaseera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad torbanoota darban bakka bu’oota kutaalee hawaasa daldalaa, paartilee siyaasaa, barsiisotaa, ogeeyyii fayyaa, ogeeyyii aartiifi ogeeyyii miidiyaa waliin marii bu’aa qabeessa taasisuu tajaajilichi yaadachiiseera.

Mariiwwan kunneen fedhiiwwaniifi rakkoolee gama dameewwan maraa jiran Ministira Muummeef dhiyeessuuf carraa kan uuman, dhimmoonni yeroo gabaabaatti furamuu danda’an irratti kallattiin kan itti kaa’ameefi dhimmoota yeroo dheeraatti furaman irratti ammoo karroorri qabamuu eereera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad turtii bakka bu’oota kutaalee hawaasaa waliin taasisaniin, hojiilee ijaarsa hawaas-diinagdee ariifachiisan, dorgomtummaafi oomishtummaa dabalan akkasumas aadaa hojii guddisan akka cimsaniifi carraa hojii uumuu akka babal’isan jajjabeessaniiru jedhe.

Karoorawwan misooma biyyaalessaa gama milkeessuun gaheen hawaasa daldalaa olaanaa waan ta’eef mootummaan damichaa haala mijataa uumuuf xiyyeeffannoon akka hojjetus kaaseera.

Marii hoggantoota paartilee siyaasaa waliin taasifameen faayidaa bulchiinsi hammataan nageenyaa waaraaf, ijaarsa sirna diimokiraasiifi tokkummaa biyyaalessaa cimaaf qabu kaasuun, hoggantoonni paartilee siyaasaa hirmaannaa cimaafi sochii siyaasaa tasgabbaa’aa akka taasisan hubachiisuu tajaajilichi yaadachiiseera.

Marii barsiisotaafi ogeeyyii fayyaa waliin taasisaniinis, gahee ogeeyyiin kunneen ijaarsa biyyaafi dhalootaa keessatti bahataniif galateeffachuun rakkoolee dameewwan kanneen mul’atan fooyyessuuf mootummaan kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Karoorri biyyaalessaa kan milkaa’u hojiileen misooma namoomaa karaa milkaa’ina qabuun yoo hojjetamaniifi fayyummaan lammiilee yoo eegame waan ta’eef ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii haalaan akka bahaniif rakkoolee jiran sadarkaa sadarkaan maqsuuf mootummaan kutannoo qabaachuu ibseera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad marii ogeeyyii aartii waliin taasisaniin, eenyummaa aadaafi duudhaa Itiyoophiyaa bocuun fi tattaaffii hariiroo hawaasummaa cimsuuf taasisan akka jabeessan gaafataniiru jedhe tajaajilichi.

Aartiin ijaarsa biyyaafi duudhaalee hawaasummaa gaggaarii cimsuuf gahee bakka bu’umsa hin qabne waan qabaatuuf dirree kalqa aartii jajjabeessu akka guddatuuf mootummaan itti gaafatamummaa isaa akka fudhatu ibseera.

Marii ogeeyyii miidiyaafi hariiroo uummataa waliin taasisaniinis, miidiyaan walabaafi itti gaafatamummaan itti dhagahamu diimookiraasii mirkaneessuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasanii, gama Kanaan mootummaan gahee irraa eegamu akka bahatu waadaa seenaniiru jedhe.

Marii ogeeyyii miidiyaafi hariiroo uummataa waliin taasisaniinis, miidiyaan walabaafi itti gaafatamummaan itti dhagahamu diimookiraasii mirkaneessuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasanii, gama Kanaan mootummaan gahee irraa eegamu akka bahatu waadaa seenaniiru jedhe.

Miidiyaaleen duudhaalee gonfatan, faayidaa biyyaalessaaf dhaabbataniifi naamuusa ogummaa gonfatan akka baay’ataniifi ijaarsa biyyaaf utubaa akka ta’aniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisu kan mirkaneessu ta’uu tajaajilichi ibseera.

Walumaa galatti mariiwwan kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin taasifamaniin dhimmoota ka’an dhaggeeffachuun rakkoolee nageenya waaraaf, misooma hawaas-diinagdeef akkasumas fayyadamummaa hawaasaa irratti gufuu ta’an adda baasuuf carraa gaarii uumuu eereera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimadis kutannoo mootummaan badhaadhina biyyaaf qabu ibsuun, gaaffileen kutaalee hawaasaa hundarraa ka’an gara karooraatti jijjiiramanii sadarkaa sadarkaan kan hiikaman ta’uu mirkaneessuu isaanii ibseera.

Dhimmoonni waltajjiiwwan marii kanarratti waliigalteerra gahamaniifi kallattiiwwan kennaman akka raawwatamaniif qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi gahee isaanii akka bahatan hubachiiseera.

Biyyattii gara badhaadhina hunda galeessaatti ceesisuuf hawaasni hundi gahee qabaachuu mootummaan kan amanu ta’uu kan ibse tajaajilichi, mul’anni biyyaalessaa keenya kan dhugoomu tattaaffii kutaalee hawaasaa hundaani jedhe.

Rakkooleen biyyattii furmaata kan argatan, milkaa’inoonni kan itti fufaniifi maqaa gaariin Itiyoophiyaa ifee kan mul’atu walitti dhiyeenyaan mari’achuun, kaayyoorratti waliigaluuniifi rakkoolee uumaman furaa deemuun akka ta’e eereera.

Kanaaf mootummaan marii uummata waliin taasisu cimsee akka itti fufu hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment