Itiyoophiyaan Vaayirasii Maarbargi guutummaan guutuutti to’atte

Finfinnee, Amajjii 18, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Vaayirasii Maarbargi guutummaan guutuutti to’atte jedhe Ministeerri Fayyaa.

Waltajjiin hoggansa deebii balaa tasaa fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa fi labsii to’annoo dhukkuba vaayirasii Maarbargi gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoo dabalatee Pireezidaantoonni naannoolee, Ministirri Ministeera Fayya Dooktar Maqdas Dhaabaa, qaamoleen tumsitootaa fi keessummoonni waaamichi taasifameef argamaniiru.

Ministeerri Fayyaa wal’aanee fayyisuu, dhibeewwan ittisuu fi waliin gahiinsa tajaajila fayyaa lammiileef murannoon hojjechaa jiraachuun eerameera.

Sirna fayyaa weerara dandamachuu danda’u ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuunis ibsameera.

Haaluma kanaan dhiheenya Itiyoophiyaatti mudatee kan ture vaayirasii Maarbargi guutuummaan guutuutti to’achuun danda’amuun ibsameera.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment