Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC) – Tapha sadarkaa seekaafaa har’a taphatameen gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadii gita isaa Keeniyaa injifachuun waancaa Afrikaaf darbuu mirkaneeffate.
Itiyoophiyaan galchii 3 fi 0’n keeniyaa injifachuun imala gara Moorokoo mirkaneeffataniiru.
Tapha walakkaa xummuraan Ugaandaan injifatamuun dhiibbaa keessa kan ture gareen kun har’a ga’umsa olaanaa waliin injifateera.
Jeeddaloonni Diimtuun waggoota 22 booda seenaa hojjetaniiru.
Daawiit Kaasan taphoota shanirratt galchii 8 lakkoofsisuun Itiyoophiyaa dabarsuu keessatti qooda olaanaa baheeteera.
Taanzaaniyaa, Ugaandaa fi Itiyoophiyaan tapha waancaa Afrikaa bara 2026 qopheessummaa Moorokoon gaggeeffamuuf biyyoota Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa bakka bu’aniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.