Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan kabajaa walii irratti hundaa’uun ijaarru, mmidhagina keenya hundaati jedhan Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.
Kantibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniin, Mariin Biyyaalessaa seenaa fi boqonnaa haaraa kan bane, aadaa haaraa kabajaa waloo, wal-gorsuu fi wal-dhaggeeffachuun waliigaltee uumuu irratti hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Mariin Biyyaalessaa kun seenessa “mo’ataa fi mo’atamaa” jedhu keessaa ba’uun, olaantummaa yaadaa irratti hundaa’uun waliin mo’achuu fi faayidaa waloo argamsiisuuf furmaata waliinii fiduuf, teessoo tokko irratti mari’achuun gara waliigalteetti ce’uu kan agarsiisu jijjiirama seenaa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Adeemsa marii kana keessatti mo’ataan ykn mo’atamaan hin uumamne; Itiyoophiyaatu mo’ate jechuunis ibsan.
Dhaloonni darban hawwii guddaadhaan eeggataa kan turan fi ijaan arguu kan hin dandeenye, waltajjii marii seena qabeessa aadaa waloominaa qaroomaan guutame kana ijaan arguu keenyatti carraa arganneerra jedhaniiru.
Dhaloonni kunis kana milkeessuu waan danda’eef, dhuguma dhaloota baay’ee carraa qabu ta’uu ibsaniiru.
Injifannoo biyyaalessaa kana milkeessuuf bilchinnii fi hubannaa gadi fagoon Itiyoophiyaanonni qaqqaaliin kutaalee garaagaraa irraa dhufan agarsiisan baay’ee kan dinqisiifamuu fi galateeffamuu qabu ta’uu eeraniiru.
Biyyi kan ijaaramtuufi jabaattee kan dhaabattu karaa qaroomaa akkanaan ta’uu hubachiisaniiru.
“Walii-yaaduun, waliin jiraachuun, yaada wali dhaggeeffachuufi fudhachuuf fedhii qabaachuun, akkasumas wal kabajuudhaan Itiyoophiyaan ijaarru, midhagian hunda keenyaa ti. Aadaan haaraan kun, aadaa ajaa’ibaa wal-dhaggeeffachuu fi seenaa waloo waan ta’eef, namoota kana milkeessan hundaaf kabajatu malaaf,” jechuun ibsaniiru.
Haa ta’u malee, “har’a mari’annee dhimmoota kana irratti walii galle jechuun boru garaagarummaan kamiyyuu nu mudachuu hin danda’u jechuu miti” kan jedhan aadde Adaanech, “garaagarummaa marii fi karaa qaroomaa ta’een furuun jalqabameera; balballis banameera; kana booda gara duubaatti hin deebinu” jedhaniiru.
“Kana booda ijoolleen keenya garaagarummaa qawween furuuf yaaluu fi wal ajjeesuun itti hin fufan,” jechuunis abdii qaban ibsaniiru.