Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC) – Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoon Itiyoophiyaan xiyyeeffannoo misooma namaaf kenniteen bu’uura badhaadhina gama maraa keesseetti jedhan.
Fooramiin Misooma Humna Namaa Itiyoophiyaa 2025 walta’iinsa Mootummaa Itiyoophiyaafi Baankii Addunyaan qophaa’e Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira.
Obbo Taaggasaa Caafoon wayita kana akka jedhanitti, guddinaafi misooma gama maraa biyyaa itti fufsiisuuf misoomni namaa murteessaadha.
Barnoota, fayyaa, naamusaafi ogummaan badhaadhuun jijjiirama biyyaalessaaf bu’uura ta’uus eeraniiru.
Itiyoophiyaan waggoottan darbanii asitti dhaloota gahoome, fayyaa qabeessaafi dorgomaa ta’e ijaaruuf hojiilee misooma namaa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Barnoota sadarkaa idileen duraa irraa eegalee hanga sadarkaa olaanaatti barnoota qulqullina qabu babal’isuun daa’immaniifi dargaggoonni miiliyoonatti lakkaa’aman barachaa jiraachuu dubbatan.
Dhaabbileen leenjiifi ogummaas barattoota hedduu keessummeessaa jiraachuu eeraniiru.
Damee fayyaanis tajaajila gama maraa waliin gahuuf eksiteenshinii fayyaa bu’aa qabeessa hojiirra oolchuun milkaa’ina Afrikaaf fakkeenya ta’u galmeessineerra jedhan.
Tajaajila fayyaa bu’uuraa waliingahuun du’aatiin haadholiifi daa’immanii hir’isuun danda’amuufi maatiiwwan miiliyoonni hedduun tajaajila fayyaa guutuu ta’e argachaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.