Finfinnee, Sadaasa 3, 2018 (FMC) – Yaa’iin qabeenya Qilleensaa 30ffaan Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaan Yaa’ii 32ffaa akka keessummeessitu murtoo dabarseera.
Biyyoonni Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa 30ffaa Mootummoota Gamtoomanii qopheessummaa Biraaziliin gaggeeffamaa jirurratti hirmaatan gaaffii Itiyoophiyaan dhiyeessite irratti waliigalaniiru.
Pireezidaantiin yaa’ichaa Andiree Kooriyaa Doo Laagoon hirmaattoonni yaa’ichaa Itiyoophiyaan yaa’icha akka keessummeessitu waliigaluu himuun, Itiyoophiyaan ifatti ittigaafatamummaa fudhatteerti.
Itiyoophiyaan yaa’icha akka keessummeessitu filatamuu hordofee miidiyaaleen idil addunyaa gabaasaa jiru.
Biyyattiin waggoottan lamaan darban keessa qofa Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Afrikaa fi Hoggantota Biyyoota Afrikaa – Kaaribiyaanii dabalatee yaa’iwwan 150 ol milka’inaan keessummeessuun ni yaadatama.
Yaa’iin Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomaanii 32ffaan Itiyoophiyaatti qophaa’uun tattaaffii Afrikaan qabeenya qilleensaa qolachuuf hojjettu daraan tumsa jedhame.
Yaa’ichi ce’umsi jijjiirama qilleensaa hunda hammatee fi haqa qabeessa ta’e galmaan ga’uuf, gadi lakkifamuu kaarboonii hir’isuu fi dandeettii qilleensaa dandamachuu ijaaruuf gumaacha guddaa qaba jedhe ‘Indian Express’ gabaasa baaseen.
Itiyoophiyaan hojii jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf hojjetaa jirtuun Naayijeeriyaa caaluun Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa 32faa Mootummoota Gamtoomanii bara 2027 taa’amu akka keessummeessitu filatamu BBC’n gabaaseera.
APA News, Climate Home News, RT, France 24 fi The Arab News Itiyoophiyaan Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa 32ffaa Mootummoota Gamtoomanii akka keessummeessitu murtoo darbuu hordofee uwwisa bal’aa laataniifiru.
Miikiyaas Ayyaalaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.