Finfinnee, Hagayya 22, 2017(FMC)- Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaan yaa’iiwwan jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaafi yaa’ii Afrikaa- Kaariibiyaan irratti muuxannoo ishee ni qooddi jedhe.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon ibsa miidiyaaleef kennaniin, yaa’iiwwan Afrikaa- Kaariibiyaan fi jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaa milkaa’inaan keessummeessuuf qophiin taasifamuu ibsan.
Yaa’ii 2ffaan jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaa Itiyoophiyaan Yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa addunyaa 30ffaa Biraazilitti gaggeeffamu irratti sagalee ishee qabattee akka dhiyaattuuf carraa kan uumu ta’uus eeraniiru.
Yaa’ii Finfinneetti gaggeeffamu kanarratti hirmaattonni kumni 25 ol qooda akka fudhatan himanii, waltajjii Afrikaanonni dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tooftaa itti baafatan ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan yaa’icharratti ajandaa biyyaalessaafi ardii dhiyeessuun hirmaattuu olaantuu akka taatuufi muuxannoo ishee bu’aa qabeessa ta’e kan qooddu ta’uu kaasaniiru.
Dabalataanis yaa’iin Afrikaa- Kaariibiyaan mata duree “ Afrikaanotaafi Hortee Afrikaanotaaf haqa barbaaduuf Tumsa Ardiirra cehaa” jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, yaa’ichi sagalee waloo akka dhageessisaniif bu’uura akka ta’u ibsaniiru.
Yaa’ichi hariiroo Afrikaan biyyoota Kaariibiyaanii waliin qabdu gara hariiroofi tumsa dippiloomaasiifi diinagdeetti guddisuuf kan ishee dandeessisu ta’uus dubbataniiru.
Yaa’ichi sirna faayinaansii addunyaa, tuurizimiifi hubannoo nam-tolchee irratti kan mari’atu ta’uu ibsuun, fooyya’iinsa diinagdee gooroo hordofee abbootiin qabeenyaa Kaariibiyaanii carraalee invastimantii Itiyoophiyaa keessatti akka hirmaatan ni taasifama jedhan.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.