Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan yaa’ii qabeenya qilleensaa 32ffaa Mootummoota Gamtoomanii (Koop 32) qopheessuuf filatamte.
Jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf hojiilee hedduu kan hojjette Itiyoophiyaan, yaa’icha qopheessuuf gaaffii dhiyeessuun ishee kan yaadatamuudha.
Biyyoonni Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa 30ffaa Mootummoota Gamtoomanii qopheessummaa Biraaziliin gaggeeffamaa jirurratti hirmaatan gaaffii Itiyoophiyaan dhiyeessite sadarkaa yaadattti fudhataniiru.
Pireezidaantiin yaa’ichaa Andiree Kooriyaa Doo Laagoon hirmaattoonni yaa’ichaa Itiyoophiyaan yaa’icha akka keessummeessitu waliigaluu himuun, guyyaa har’aas ifatti ittigaafatamummaa fudhatteerti.
Yaa’iin Qabeenya qilleensaa 32ffaan kun bara Faranjootaa 2027 gaggeeffama.
Gama biroon Turkii fi Awustiraaliyaan Yaa’ii 31ffaa qopheessuuf gaaffii dhiyeessanis hanga ammaatti waliigalteerra kan hin gahamne ta’uu ‘Reuters’ gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.