Finfinnee, Adoolessa 19, 2017(FMC)-
Itiyoophiyaan yaa’ii Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii irratti milkaa’ina ishee akka muuxannootti qooduuf qophoofteetti jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilichi walabummaa nyaataa mirkaneessuuf hojjechaa yaa’ii sirna nyaataa addunyaa keessummeessuuf qophoofneerra jechuun ergaa dabarseen Itiyoophiyaan bifa magaalaa guddittii ishee jijjiiruun keessummoota ishee qophii olaanaan simachuuf qophoofteetti jechuun ibseera.
Mootummaa fi Uummanni Itiyoophiyaa hariiroo damhedduu fi gamlamee barootaaf itti fufsiisan irratti xiyyeeffachuun yaa’icha milkaa’ina olaanaan keessummeessuuf qophii xumurachuus ibaseera.
Tajaajilichi ergaa isaan akka ibsetti Itiyoophiyaan walabummaa nyaataa ishee mirkaneeffachuuf tattaaffiin eegalte milkaa’inoota hedduu galmeessiseera, yaaliin milkaa’ina caalu galmeessuus cimee ittifufeera.
Yeroo murteessaa kanatti Itiyoophiyaan mootummaa Xaaliyaanii fi Mootummoota Gamtoomanii wajjin ta’uun yaa’ii sirna nyaataa 2ffaa akka qopheessituuf filatamteetti.
Kunis Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee fi gamheedduu keessatti taphattu kan guddisu, hojiiwwan milkaa’oo sirna nyaataa ilaalchisee hojjechuu eegalte kan jajjabeessuu dhas jedheera.
Tajaajilichi ibsa isaa itti fufuun kallattiiwwan yaa’ii sirna nyaataa 1ffaa waggaa afur dura taa’ame irratti kaa’aman waltajjii Itiyoophiyaan keessummeessitu kana irratti akka gamaggamu fi kallattiiwwan gara fuula duraa akka kaa’aman eereera.
Yaa’ii kana irratti beela balleessuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu akkasumas gufuuwwan jijiirama qilleensaa ilaalchisee akka mari’atamu, tarkaanfileen fuulduraaf fudhatamuu qabanis akka kaa’aman ibseera.
Akka ibsa Tajaajilichaatti, Itiyoophiyaan yaa’ii kana kan keessummeessitu milkaa’inoota damhedduu galmeessuun imala bayyaannachuu wayita eegaltetti.
Milkaa’inoota hedduu akka muuxannootti qooddus ni qabaatti.
Misooma qamadii bonaan, maaddii guutuun, Ashaaraa Magariisaan milkaa’inoota hedduu galmeessiteetti.
Gama jijjiirama qilleensaanis waggota muraasa darbanitti biqiltuuwwan biliyoona 40 ol dhaabuun addunyaaf fakkeenya taateetti.
Ganna yaa’iin kun itti taa’amuttis biqiltuuwwan biliyoona 7.5 ehaabuuf kutannoon hojjechaa jirti.
Biqiltuuwwan dhaabamanis jijjirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf gargaaruu irra darbanii wabii nyaataa fi sirna nyaataa fooyyessuuf ga’ee guddaa ni qabaatu.
Yaa’ii Sirna Nyaataa Addunyaa akka keessummeessituuf carraan kennamuunis jalqabbii kanaaf beekamtii kan kennuu dha.
Yaa’ii Adoolessa 20-22/2017tti kan geggeeffamu kana irratti hoggantoonni biyyootaa, Ministiroonni, Saayintistoonni, oomishtoonni nyaataa, jaarsoliin biyyaa, dargaggoonni, dhaabbileen dubartootaa, qooda fudhattoonni damee dhuunfaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee hawaasa siivilii ni hirmaatu.
Tajaajila Komimikeeshinii Mootummaa
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.