!Finfinnee, Hagayya 16, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan siyaasni humnaa fi walitti bu’iinsi ni ga’a jechuun, garaagarummaa ishee karaa marii qaroomaa fi nagaa qabuun furuuf tarkaanfiin fudhatte, haala siyaasaa biyya keenyaa bu’uura haaraa irratti kan hundeesse injifannoo seena qabeessa ta’eera.
Aadaa duraan Itiyoophiyaa keessatti marii faayidaa garee xiqqaa fi marii balbala cufamaatti mari’atamu jijjiiruun, uummata bal’aa murtee kennuu keessatti kallattiin abbaa qoodaa taasisuun boqonnaa haaraan banameera.
Lammiileen rakkoolee seenaa keessatti isaan mudatan, walitti bu’iinsota gadi fagoo fi garaagarummaa yaadaa humnaan osoo hin taane, wal dhaggeeffachuu fi ogummaa waliinii fayyadamuun furuun akka danda’amu gochaan mirkaneessaniiru.
Naannolee hunda keessatti, sadarkaa ganda irraa hanga federaalaatti, bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa garaagaraa — dubartoonni, dargaggoonni, qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni, maanguddoonni, namoonni qaama miidhamtoota ta’an, bakka bu’oonni paartilee siyaasaa, abbootiin Gadaa fi jaarsoliin biyyaa, bakka bu’oonni sabaa fi sab-lammootaa, akkasumas hayyoonni fi ogeeyyiin — ajandaalee saddeet irratti marii hunda galeessa taasisaniin sagalee Itiyoophiyaanota miliyoona 130 dhaggeeffataniiru.
Kanaanis, nagaan waaraan marii fi haasaa qofaan mirkanaa’uu akka danda’u fakkeenya guutuu fi hunda hammateen mirkaneessaniiru.
Diinonni seenaa Itiyoophiyaa, namoota biyya keessaa tokko tokko waliin ta’uun miidiyaa dijitaalaa irratti odeeffannoo sobaa fi burjaajii uumuuf yaalii taasisanillee, Komishiniin Marii Biyyaalessaa bilisummaa dhaabbatummaa isaa sirnaan eeguun, naamusa cimaa fi kutannoon adeemsa isaa gaggeesseera.
Dhaabbileen miidiyaa 54 ol fi gaazexeessitoonni 461 adeemsa marii kana kallattiin hordofuun gabaasa bal’aa kennanii, odeeffannoo sirrii hawaasa biraan ga’aniiru.
Raawwii seena qabeessa, ijoollee Itiyoophiyaa irraa kutannoo guutuu gaafate kanaan, Itiyoophiyaan carraa fi egeree mataa ishee harka isheetiin murteessuu akka dandeessu gochaan agarsiifteetti!
Itiyoophiyaanonni mari’atan; Itiyoophiyaanis injifatteetti!
Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa