Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaanonni waloon waan hunda milkeessuu dandeenya jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Itiyoophiyaan ka’umsa qarooma duriifi fakkeenya bilisummaa uummattoota gurraachaa qofa osoo hin taane dachee abdii dhaloota egeree ta’uus tajaajilichi ibseera.
Tajaajilli koominikeeshinii Mootummaa duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sadarkaa biyyaatti gaggeeffame ilaalchisee ibsa kenneera.
Itiyoophiyaanonni waloon birmadummaa kabachiisuurra darbee fakkeenya ni danda’amaas ta’uu eeruun, “waloon ni dandeenya” jechuun Hidha Haaromsa Guddicha dhugoomsaniiru jedheera ibsa isaan.
Waggoottan jahan darbanitti “waloon Itiyoophiyaa magariisa haa uwwisnu” jechuun biqiltuu biiliyoona 40 ol dhaaabuun kunuunsuu yaadachiiseera.
Wagga waggaan riikardii guyyaa tokkotti biqiltuu hedduu dhaabuu cabsaa seenaa galmeessisuu itti fufuu ibseera.
Weerarri vaayirasii kooroonaa biiliyoonota wayita manatti galchu Itiyoophiyaanonni garuu mul’ata egeree qabaachuun biqiltuu dhaabaa akka turanis yaadachiiseera.
Wayita nageenyi Itiyoophiyaa jeeqamee ture Itiyoophiyaanonni nageenya ishee akka cimsan amanuun egereef biqiltuu dhaabaa akka turan, dhaabuu qofa osoo hin taane milkaa’ina biraan fooyyessaa akka turan ibseera.
Guyyaa har’aas riikardii isaanii gara sadarkaa olaanaatti guddisuufi guyyaa tokkotti biqiltuu hanga karoorfameen ol dhaabuu eereera.
Ijifannoon guyyaa har’aas ta’e kan waggoottan darbanii haala salphaatti kan hin argamne ta’uufi tattaaffii cimaa kan gaafatu ta’uus ibseera.
Haa ta’u malee Itiyoophiyaanonni waltumsaniifi mootummaafi uummanni qindoominaan hojjechuun milkaa’uu akka danda’e kaasuun, Itiyoophiyaanota hunda galateeffateera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.