Itiyoophiyaatti ce’umsa caaseffamaa diinagdee irratti taasifameen hojiin bu’aa qabeessii hojjetamaa jira- Injinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC)- Itiyoophiyaatti ce’umsa caaseffamaa diinagdee irratti taasifameen hojiin bu’aa qabeessii hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Mata duree ” Daawwannaa Mana Maree Ministirootaa Kooyishaatti” jedhuun gamaaggama raawwii hojii guyyoottan 100 jalqabaa bara baajataa 2018 Ministiroota waliin hidha Kooyishaatti gaggeessaniiru.

Injinar Ayishaa Mahaammad marii kanarratti akka jedhanitti, Itiyoophiyaatti ce’umsa caaseffamaa diinagdee irratti taasifameen hojiin bu’aa qabeessii hojjetamaa jira.

Riifoormiin kun dameewwan indaastirii, qonnaa, albuudaafi kanneen biroo keessatti jijjiirama qabataamaa fiduu eeraniiru.

Hojiileen misooma kooriidarii magaalaa Finfinneefi kanneen biroo keessatti akkasumas naannawaa baadiyyaatti hojjetamaniifi hojjetamaa jiran jiruufi jireenya uummataa jijjiiruun bu’aa dinqisiisaa fidaa akka jiru ibsaniiru.

Dhiibbaa dameewwan hundaan uumamaniin carraan naannawichaa dandeettii Itiyoophiyaa waliin kan walitti hidhatu waan ta’eef biyyoonni Kanaan dura Itiyoophiyaa waliin hariiroo hin qabne Itiyoophiyaa waliin hariiroo uummachuu akka barbaadan Injinar Ayishaa Mahaammad ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment