Itiyoophiyaatti Miidiyaaleen 309 eeyyama argatanii socho’aa jiru- Abbaa Taayitichaa

Finfinnee, Amajjii 13, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaatti Miidiyaaleen 309 eeyyama seera qabeessa argatanii socho’aa jiru jedhe Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa.

Wayita ammaa Miidiyaaleen Biroodkaastii 175, Maxxansaa 20, Bakka Bu’oonni Miidiyaalee alaa 35, Marsariitii 73, Biroodkaastii Kaffaltii Intarneetii 5 fi Biroodkaastii kaffaltiin alaa 1 karaa seera qabeessaan galma’uun eeyyama argatanii hojiirra jiru jedhe.

Kanneen keessaa 254 tamsaasarra jiraachuu eeruun, 55 immoo qophiirra jiraachuu ibseera.

Abbaan Taayitichaa baatiwwan jahan darban miidiyaalee 39 damee eeyyama, hordoffii fi mirkaneessaa gahumsaan tajaajilli Sartafikeetii kennamuufii eereera.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa waggoottan darban guddina damichaa saffisisuuf jijjiirama seeraa fi hojmaataa taasiseen lakkoofsi miidiyaalee , akaakuu akkasumas dhaqqabummaan isaanii guddachuu himeera.

Haaluma kanaan waggoottan darban fooyya’iinsa dhaqqabummaa Miidiyaaleerratti taasifameen lammiileen mirga odeeffannoo argachuu fi miidiyaaleen dhiibbaa uumuu akka danda’an taasisuuf kara Giddugala Gahumsaa Miidiyaalee Itiyoophiyaan leenjiin gaazexeesitootaaf kennamuun agarsiiftuu ta’uunis ibsameera.

Abbaan taayitichaa akkaataa labsii fi seera biyyattii bu’uureeffachuun eeyyama tajaajila tamsaasaa ni murteessa, ni kenna, ni haaromsa, ni dhorka akkasumas ni haqa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment