Itiyoophiyaatti rakkoo nageenyaaf sababni garaagarummaa yaadaa humnaan furuuf tattaaffii taasifamudha -Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 26, 2018 (FMC)– Itiyoophiyaatti rakkoo nageenyaaf sababni garaagarummaa yaadaa humnaan furuuf tattaaffii taasifamudha jedhan Minstirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy gaaffilee Miseensotaa Mana Maree Bakka Bu’ootaa Uummataarraa ka’aaniif deebii fi ibsaa bal’aa kennaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimmoota nageenyaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaatti rakkoo nageenyaaf sababni garaagarummaa yaadaa humnaan furuuf tattaaffii taasifamudha jedhan.

Mariif dursa kennuu dhiisuufi rakkoo humnaan furuuf tattaaffiin godhamu dhibee waggootaaf ture ta’uu kaasaniiru.

Sababni biraan ammoo amala baandummaa ta’uu kaasanii, baandonni hedduun Itiyoophiyaa maddeessaa akka turan haa ta’u malee balleessuu akka hin dandeenye ibsan.

Sabani rakkoo nageenyaa biyyattii inni sadaffaan ammoo yaaddoo walitti fufiinsa qabu qaamoleen guddina Itiyoophiyaa hin barbaanne qaban ta’uu eeran.

Yaadonni dhaabbilee diiguu, qoqooqqdiinsaafi amantaa balleessuu rakkoo Itiyoophiyaa keessa jiru kan hammeessaan ta’uu eeraniiru.

Filannoon keenya dhimma egeree fayyisu irratti xiyyeeffachuudha jechuun, furmaanni jalqabaa guddina diinagdeefi ijaarsa dhaabbileen dandeettii raawwachiisummaa Itiyoophiyaa guddisuu ta’uu ibsan.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment