Finfinnee, Fulbaana 29, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaatti sirni gabaa naannawa daldala bilisaa Afrikaa kan jalqabaa eegalameera.
Sagantaa eegalchiisa gabaa kana irratti sadarkaa Ministira Muummee itt aanaatti, ittigaafatamaan giddugala Qindeessaa ijaarsa Sirna Diimokiraasii fi Pireezidaantii itti aanaan Paartii Bdhaadhinaa Adam Faaraah, Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Ministirri Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofee fi Hoji-Raawwachiisaa Olaanaan Giruuppii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasew argamaniiru.
Dooktar Kaasaahun Goofee wayita kana akka dubbatanitti, gabaan naannawaa daldala bilisaa Afrikaa daldala alaa Itiyoophiyaa guddisuuf ga’ee guddaa qabaata.
Kana malees damee daldalaa Itiyoophiyaa saffisaan guddisuuf qooda olaanaa akka gumaachu hubachiisaniiru.
Gabaan kun eegalamuu ilaalchisee foon, kuduraa fi muduraan akkasumas bunni, oomishaaleen dheedhii fi midhaan zayitaa kaargoo Daandii Qileensaa Itiyoophiyaa fi geejjiba lafarraan gara Keeniyaa, Somaaliyaa fi Afrikaa Kibbaatti ergamaniiru.
Qiddist Abaataatu gabaase.
#Oromia #ethiopia