Itiyoophiyan ‎Galmoota Ajandaa Afrikaa 2063  milkeessuuf  kutannoon hojjechaa jirti- Dooktar Makuriyaa Haayilee

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan konfiransii Siivil Seervisii  geggeessuuf qophaa’aa jirti jedha  komishiniin Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa.

Konfiransiin guyyoota sadiif turu kun biyyoota miseensota Gamtaa Afrikaa ta’anii fi bakka buutota Mootummoota Gamtoomanii  kan hirmaachisu ta’uu Komishinarri komishinii Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Hayilee ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

‎ kaayyoon konfiransii Waggaa lama lamaan geggeeffamu kanaa ‎ dhaqqabummaa fi qulqullina tajaajilaa fooyyessuuf sochii eegalame milkeessuuf  muuxannoo qooduu  akka ta’e himan.

‎Sirni  itti gaafatamummaa akka jiraatuuf sochiin eegalame bu’aa qabaatamaa fidaa jiraachuus kaasaniiru.

Itti fayyadama teeknoloojii addunyaan irra gahe hojiirra oolchuuf kutannoo Afrikaan qabdu kan keessatti calaqqisu dha jedhan.

‎Galmoota ajandaa Afrikaa 2063 qabame milkeessuuf Itiyoophiyaan kutannoo qabduun kenna tajaajila iddoo tokkoo Masoob eegalchiisuu ishees himaniiru.

‎Itiyoophiyaan Konfiraansii kana qopheessuu isheetiin fayyadamummaa gama hundaa kan argattu ta’uuf kaasanii jiru.

‎Konfiraansiin kun waxabajjii 14-16 bara 2017 Finfinneetti kan gaggeeffama.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment