Itoophiyaan miseensa Mana Maree Ispoortii Loltummaa Idil Addunyaa taate

Finfinnee, Caamsaa 16, 2017 (FMC) Itiyoophiyaan miseensa Mana Maree Ispoortii Loltummaa Idil Addunyaa 142ffaa ta’uun galmoofte.

Caamsaa 11, 2017 irraa eegalee Siriilaankaatti Yaa’iin Waliigalaa 80ffaan Mana Maree Ispoortii Loltummaa Idil Addunyaa taa’amaa ture xumurameera.

Jilli Walittiqabaa Boordii Bulchiinsa Kilabii Ispoortii Machaal Dooktar Sayifuu Geetaahuuniin durfamu Ityoophiyaa bakka bu’uun yaa’ii kanarratti hirmaateera.

Miseensonni jila kanaa Itiyoophiyaan miseensa mana marichaa akka taatuuf yaada madaalawaa adda addaa dhiyeessuun isaanii ibsameera.

Kanaanis gaaffiin Itoophiyaa fudhatama argachuun miseensa mana maree ispoortii loltummaa idil-addunyaa 142ffaa ta’uun galmaa’uu Gulaalaa Olaanaan Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa Letenaal Koloneel Wubisheet Chakkol Faanaa Dijitaaliitti himaniiru.

Akka Dooktar  Sayifuu Geetaahun ibsanitti, waraanni Itoophiyaa ergama isaa haala gaariin kan bahatuu fi dirqama fudhate injifannoon kan xumuruu dha.

Qormaatilee Itoophiyaa mudatan hunda ofitti amanamummaadhaan ofirraa ittisuun kabajaan akka jiraattu kan dandeessise waraana injifataa ta’uus hubachiisaniiru.

Atileetota kilabicha bira darbanii biyya maqaa waamsisan kan akka Bashaayee Falleqee, Shaambal Abbabaa Biqilaa, Shaambal Maamoo Woldee, Shaambal Mirutsi Yifxar fi kanneen biroo oomishuun isaas yaadachiisaniiru

Biyyoota Ityoophiyaan miseensa  Mana Maree Ispoortii loltummmaa akka taatuuf deggeran, , Mana Maree Ispoortii Loltummaa Idil Addunyaa fi Mana Maree Ispoortii Loltummaa Afrikaas galateeffataniiru.

Konfiransicha irratti Itiyoophiyaan ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa raawwachuun seenaa dheeraa akka qabduu fi  Raayyaa cimaa rakkoof hin jilbeenfanne ijaaruu danda’uun ishees ibsiteetti.

Malaakuu Daggif

Comments (0)
Add Comment