Finfinnee, Amajii 8, 2018 (FMC) – Dhaloonni walharkaa fuudhuun dirreetti kabajuu erga jalqabee waggoota 530 kan lakkoofsise, taatewwan Amantaan cinaatti sonawwan aadaa hedduun kan faayame ayyaanni Cuuphaa ayyaanota hawwiin eegaman keessaa tokko.
Hawwattummaa ayyaanichaaf bu’uura kan ta’an ammoo sirnoota adda addaa kabaja ayyaanichaa irratti raawwataman, kabaja duudhaafi safuu eeggate hordoftoota amantichaa irraa mul’atuu fi Tuuristoonni ayyaanicha irratti taateewwan addunyaa biroo irra hin jirre daawwachuuf baay’inaan hirmaachuun isaan muraasa.
Dudhaalee aadaa ayyaanicha irratti calaqqisan keessaa loomi darbachuun beekamaa dha.
Ayyaana Cuuphaa irratti loomii darbatameen jaalalli daraaree gara bultii horachuutti ce’uun ija hedduu horate heddumminaan jiraachuun ammoo dudha amantummaa cinatti dargaggootaa fi shamarraniin hawwiin akka eegamuuf bu’uura ta’eera.
Jiraattota bulchiinsa magaalaa Asallaa kan tahan dargaggoon waggoota 34 duraa barsiisaa Gammachuu Daffaraa fi barsiiftuu Abbabeech Magarsaa kanaaf fakkeenya gaariidha.
Barsiisaa Gammachuun waggoota 34 dura akkuma dargaggoota hiriyyoota isaanii biroo kan jaalatan argachuuf kan abdatan filachuuf, yaadaafi yaaddoo hobbaaafachuuf loomii qabatanii gara ayyaana Cuuphaa kabajuutti qajeelu.
Achittis, bara sana shamarree Abbabeech Magarsaa aragatu.
Shamarree Abbabeechi dhimmicha quba waan qabduuf loomii darbatamee fi kennaa laatameef fudhattee eeyyama maatii isaanii argachuun dirqama waan ta’eef gara manaatti deebiti.
Waggoota 34 yaadan duubatti deebi’uun kan nu yaadachiisan obbo Gammachuun bareedina ishiirraa kan ka’e hundi ni hawwa waan taheef jaarsummaan ergamee tole jedhamus jalaa butuuf yaaliwwan taasifaman hedduu akka turan dubbatu.
Har’a Barsiiftuu kan ta’an Abbebechi Magarsaa yeroon akka ammaa miti buttaas sodaadhee,warra keenyaan nan barsiisa jedhee waadaa waan seeneef itti heerume jechuun haala bara sana ture dubbatu.
Abbaan warraa koos bultii keenyan cinaatti hanga sadarkaa digrii jalqabaa na barsiise, amma nu lachuu barsiistota jedhan.
Bultii Waggoota 34f turee fi ijoollee sadii itti horatan keessatti guyyaan itti wal dhaban akka hin jirres himu.
Ayyaana Cuuphaa waggaa waggaan dhufus yaadannoo sanarraa kan ka’e gammachuun akka dabarsan himu.
Ilmaan isaanii keessaa dargaggoo Malkaa Gammachuufi Moodeel Qananii Gammachuu seenaa walittimdhufeenya maatii isaanii akka haaraatti waan dhaga’aniif gammachuu fi miirri addaa itti dhaga’amu Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinitti himaniiru.
Barsiisaa Gammachuu fi Barsiistuu Abbabeech cimdiiwwan ayyaana cuuphaa sababeeffachuun gara bultii horachuutti ce’an Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin dubbisuuf carraa argatan ta’anis, cimdiiwwan bifa kanaan walitii dhufanii bultii horatan hedduun akka jiranis eeraniiru.
Olyaad Ahmadiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.