Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC)- Jaalalli Walloorraa maddu Itiyoophiyaa maraaf ga’aadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Uuummata Kamisee ijaan dhufee ilaaluuf bara baay’ee karoorsaan ture kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, hawwiin isaan uummata Kamisee arguuf qaban milkaa’uu kaasaniiru.
Uummanni Kamisee uummata seenaa guddaa qabu; gootummaan, jaalalaan, hojjetee buluun, ollaa nyaachisuun fi uummata nageenyaan beekamu ta’uu eeraniiru.
Wanti guddaan wal iyyaafachuu, jaalalaa fi laphee walirraa fageessuu dhiisuu ta’uu eeruun, bakka lapheen walitti dhiyaatee jirutti misoomni, nageenyii fi hawwiin garaagaraa yeroo isaa eeggatee ni dhufa jedhan.
Akkuma uummanni Kamisee beeku jaalalliifi nagaan keessoo irraa madda kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, namni keessoo isaarraa jaalalaafi nagaa hin qabaatiin bakkeerraa bitachuu yaalus argachuu akka hin dandeenye dubbatan.
Jibbiinsi, tuffiin, ana malee fi oftuulummaan jiraannaan nageenyi jiraachuun rakkisaa ta’uus ibsaniiru.
Nageenyi isin keessaa madde kun guutuu naannichaaf nagaa akka fiduuf akkuma aadaa keessanii jaalala, nageenyaafi waliin jireenya dursuun akkasumas tokkummaan badhaadhinatti imaluuf tattaafachuu akka itti fufu dhaaman.
Ergaan keenya jaalala, tokkummaa, hojjechuufi waliin jiraachuudha; aadaan keenyas, fedhiifi kaayyoon keenyas kanuma jedhan.
Ana maleedhaan kan guutaman wanta biraa yaaduu danda’u; wantan uummata Kamiseef mirkaneessuu barbaadu garuu nu dhaabuufi nu mo’uu hin danda’an jechuun mirkaneessan.
Shakkiifi mamii of keessaa baasaa, tokkummaa keessan eeggadhaa, jaalala keessan cimsaa; jaallalli Walloorraa maddu Itiyoophiyaa guutuuf waan gahuuf jechuun dhaamaniru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.