Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Waraana naannoo Baha Giddu-galeessaatti ka’e hordofuun gatiin boba’aa haala ol’aanaan dabalaa jira.
Keessattuu dhiheenya kana biyyonni waraana kana keessatti hirmaatan xiyyeeffannoo isaanii giddu-galeessota oomiisha boba’aa irratti taasisuun isaanii fi cufamuun Ulaa Hormuz (Strait of Hormuz) rakkicha baay’ee hammeesseera.
Jeequmsa naannichaatti uumameen hanqina boba’aa mudate damdamachuuf biyyoonni tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuu jalqabaniiru.
Biyyoota addunyaa dinagdee guddaa qaban kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan dabalatee, biyyoonni biroon hanqina boba’aa hin oollee fakkaatu kana dandamachuuf murteewwan garaagaraa dabarsaa jiru.
Biyyootni Eeshiyaa kanneen akka Paakiistaan, Baangilaadeesh fi Taayilaand warra cufamuu Ulaa Hormuziin miidhaan guddaan irra ga’e, tarkaanfiiwwan qusannaa boba’aa dirqisiisoo ta’an hojiirra oolchani.
Biyyoonni Awurooppaa kanneen akka Faransaay, Ispeen fi Poorchugaal immoo, hirkatummaa oomisha boba’aa irra qaban hir’isuun madda annisaa haaromfamanii akka filannootti fayyadamaa jiru.
Biyyoonni tarkaanfii jalqabaan irratti, hamma dhiyeessiin boba’aa bakka turretti deebi’utti, lammiileen oomishicha qusannaan akka fayyadaman hojii hubannoo uumuu hojjetaniiru.
Fayyadama filannoowwan annisaa biroo kanneen akka boba’aa haaromfamaa fi konkolaattota elektiriikaa fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaas jiru.
Kanaafis, lammiileen konkolaattota humna elektiriikaan hojjetan akka bitatan taaksii irraa bilisa gochuu dabalatee, biyyoonni jajjabeessituu garaagaraa hojiirra oolchan jiraachuun eerameera.
Boba’aa qusachuuf jecha guyyoota hojii hir’isuun hojjettoonni mana taa’uun fageenyarraa akka hojjetan biyyoonni taasisan baay’eedha.
Filannoowwan geejjiba uummataa fayyadamuu, karaa gabaabaa immoo biskileetiin ykn miillaan deemuun mala biyyoonni boba’aa qusachuuf jajjabeessan keessaati.
Oomishtoonni boba’aa oomisha isaanii gara alaatti erguu dhaabuun fayyadama biyya keessatiif qofa akka oolu kan murteessan yoo ta’u, rakkoo kana hir’isuuf biyyoonni adda addaa kuusaa boba’aa yeroo balaa gadi lakkisaa akka jiran gabaasni BBC ni agarsiisa.
Gama biraatiin, dhiyeessitooti boba’aa fi buufataaleen boba’aa dhimmoota bu’uuraa dursi kennamuufii qabu qofaaf dursa akka kennan murteessaas jiru.
Malaakuu Gaddifiin