Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017(FMC)- Jiijjiirama magaalaa Finfinnee keessatti gaheen hojjettoota mootummaa olaanaadha jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Xumurri waltajjii marii hojjettoota mootummaa mata duree “ Siiviil Sarvisii Gahumsa Qabu Badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun gaggeeffameera.
Bu’aa kenniinsa tajaajilaa irratti argame ciminaan itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu aadde Adaanech waltajjichaan ibsaniiru.
Rakkooleen kenniinsa tajaajilaa irratti mul’atan sirreeffamaa jiraachuu kaasanii, uummatarraa yaadonni ijaarsaa dhufaa jiru jedhan.
Hojii jijjiiramaa keessatti gaheen hojjettootaa olaanaa waan ta’eef hojjetaan si’aayinaan akka hojjetuuf sirnoonni garaagaraa diriirfamuu kaasaniiru.
Dhiibbaa jireenyaa dandamachuuf deeggarsi hedduun taasifamaa jiraachuus eeraniiru.
Hogganaan Biiroo Paabilik Sarvisiifi Humna Namaa magaalichaa Dooktar Jamaaluu Jambar gamasaaniin, hojiileen siivil sarvaantiin qajeelfamarratti hundaa’ee akka hojjetu dandeessisan cimanii itti fufaniiru jedhan.
Mirgaafi faayidaa hojjettootaa kabachiisuuf hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Salamoon Yittaayawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.