Finfinnee, Hagayya 9, 2017(FMC) – Yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 12ffaan jijjiirama ardaawaa, fayyadamummaa lammiilee fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaaf waloon hojjechuuf waliigalamuu Ittigaafatamaan Damee Hariiroo Uummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa ibsan.
“Siyaasaa hanga Badhaadhinaatti” mata duree jedhuun Gaanaa Magaalaa Akiraatti kan taa’ame Yaa’iin Paartilee Siyaasaa Afrikaa 12ffaa ilaalchisuun Dooktar Biqilaan akka ibsanitti, yaa’ichi haala Paartileen siyaasaa Afrikaa badhaadhina lammiilee ittiin mirkaneessuu danda’an irratti kan xiyyeeffate ture.
Yaa’ichaan tumsa paartilee siyaasaa Afrikaa gidduu jiru cimsuu fi gamtaa paartilee siyaasaa guddina Ardiif abdii ta’e dhugoomsuu irratti xiyyeeffachuun bal’inaan mari’atameera.
Paartileen ce’umsa dinagdee, ijaarsa nagaa waarawaa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa irratti xiyyeeffachuun waloon hojjechuuf waliigaltee irra ga’uu isaanii kaasuun, kunis Afrikaa cimsuuf bu’uura kan kaa’uu dha jedhan.
Tumsa Siyaasa Afrikaa adeemsa walshakkii keessaa baasuun ajandaawwan waloo ardii irratti ashaaraa kaa’uu dandeessisu cimsuun akka barbaachisus kaasaniiru.
Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah, Paartileen Siyaasaa Afrikaa guddina hundagaleessa biyaalessaa fi ardiif xiyyeeffannoo kennuu, wal amantaa, tumsaa fi kaayyoo tokko irratti waliigaluun socho’uu akka qaban yaa’icha irratti ibsuu isaaniis eeraniiru.
Paartileen kunniin keessoo isaanii haaromsuun nagaa itti fufiinsa qabu ijaaruu keessatti ashaaraa isaanii kaa’uuf waliighaluu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.