Jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaaf deebii kennuuf deeggarsi idil Addunyaa cimu qaba-Dooktar Fitsuum Asaffaa

Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC)- Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan Jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaaf deebii kennuuf deeggarsi idil Addunyaa cimuu qaba jedhan.

Itiyoophiyaan Kominishinii Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun Qaammee 3-5 2017tti yaa’ii 2ffaa Jijjirama qabeenya qilleensaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamurratti Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa marii gaggeesseera.

Waltajjicharratti Dhaabbileen idil addunyaa fi qaamooleen tumsitootaa argamaniiru.

Wayita kanatti Dooktar Fitsuum, faalama jijjiirama qabeenya qilleensaaf gahee gadii aanaa kan qabdu Afrikaan dhiibbaa qaqqabuun immoo miidhamtuu olaantuudha jedhan.

Haaluma kanaan hongee, lolaa fi taateewwan jijjirama qabeenya qilleensaa biroof Biyyoonni Afrikaa saaxilamoo ta’uu kaasaniiru.

Taattaffii Afrikaan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf taasisftu dhaabbileen idil addunyaa faayinaansii, teeknooloojii fi dameelee garaagaraan deeggaruu akka qaban himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment