Jijjiiramni ajaa’ibsiisaan magaalaa keenyaa yaa’iwwan darbaniif simboo guddaa ta’eera – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 8, 2018 (FMC) – Aadaan keessummaa simachuu Itiyoophiyaanotaa fi jijjiiramni ajaa’ibsiisaan magaalaa keenyaa yaa’iiwwan darbaniif simboo ta’aniiru jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebe.

Aadde Adaanech, yaa’iiwwan Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa fi Xaaliyaanii-Afrikaa milkaa’inaan akka xumuramaniif qaamolee qooda isaanii ba’an galateeffataniiru.

Yaa’iiwwan kunniin kanneen darban irra karaa adda ta’een miidhaginaa fi milkaa’ina olaanaan xumuraniiru jedhan aadde Adaanech.

Kanaafis aadaan keessummaa simachuu Itiyoophiyaanotaa baroota lakkoofsise fi jijjiiramni ajaa’ibsiisaan magaalaa keenyaa simboo guddaa ta’eeraaf jechuun ibsaniiru.

Jiraattonni magaalattii kabaja keessummootaaf kennaniif, obsaa fi tumsa mul’isaniif akkasumas dhaabbileen tajaajila kennan tajaajila si’ataa fi qulqulluu dhiyeessaniif galata dhiyeessaniiuuf.

Hoggantootaa fi hojjettoota, akkasumas qaamolee nageenyaa jiraattota waliin qindaa’anii Magaalaan Finfinnee yeroo mara bifaa fi hafuura haaraa uffachuun yaa’iiwwan kunniin milkaa’inaan akka xumuramuuf hojjechaa turan maqaa isaanii fi maqaa bulchiinsa magaalaichaan galata dhiyeessaniiru.

Keessumaa dhaabbilee dhuunfaa Kaazaanchiis irraa hanga Biraas jiran tumsaa fi cichoomina halkanii guyyaa argisiisaniif galatatu isiniif mala jechuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment