Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwataniiru.
Dooktar Abiy baatii muraasa dura Jigjigaa daawwachuu kaasuun, Jigjigaan yeroo ammaa isa durirraa daraan adda ta’uu dubbatan.
Magaalichatti Daandiin keessa keessa kiiloo meetirri 60, daandii lafaa kiiloo meetirri 10, daandiin Biskileettii kiiloo meetirri 10, akkasumas manneen jireenyaa haaraan hedduun ijaaramuu beeksisan.
Bu’uuraaleen misoomaa fi tajaajilli misooma Elektirikaa dachaan babal’achuu kaasan.
Hojiin misooma koriidarii lammiileef carraa hojii uumuun haala jireenya lammiilee fooyyessuun walqabatee jijjiiramni olaanaan argamuu dubbatan.
Jijjiiramni magaalaa Jigjigaatti argame Kutaalee Baha biyyattiif abdii fi kaka’umsa olaanaadha akka ta’u eeran.
Waggoottan 15 yookaa 20 itti aanaan keessatti bakki jireenyaa hawaasaa harki caalu magaalaa ta’uun magaala miidhagsuu fi ammayyeessuun murteessaa ta’uu dubbatan.
Magaalota ammayyaa dhalootaaf mijatanii fi madaalaan uumuun biyya ijaaraa jirra jedhan ergaa dabarsaniin.
Magaalota karooraan ijaaruun murteessaa ta’uu hubachiisan.
Kana dura magaaloonni pilaaniin ijaaramuu dhabuun isaanii madda rakkoo ta’aa turuu kaasuun, magaalummaan kan barbaachisu tajaajila ammaayyaaf akka ta’e ibsan.
Hojiileen magaalaa Jigjigaa, Hararii fi Dirre Dhawaa keessatti hojjetaman kan agarsiisan namoonni gara magaalaa tokkotti yaa’uu dhiisanii akkaataa aadaa fi teessuma lafaa mataa isaanii tilmaama keessa galcheen, amala magaalaa tokko keessatti walitti qabamuu hir’isuudhaa jechuun isaanii TOI gabaaseera.