Jijjiiramoonni qabatamaan Itiyoophiyaa keessatti galmaa’aa jiru- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2017(FMC) – Itiyoophiyaa keessatti jijjiiramoonni damhedduun Mootummaa jijjiiramaan galmaa’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy kana kan ibsan maree bakka bu’oota paartilee siyaasaa guutuu biyyaa irraa walitti baba’an waliin maree geggeessaniin.

maricha irratti mootummaan yeroo kamuu jijjiiramaaf qophaa’aa ta’uu ibsaniiru.

Badhaadhinni jijjiirama dha; amma namaa galuu dhiisuu mala jechuun agarsiistuuwwan hedduu kaasan.

Yaa’iiwwan ADWUI duraanii irratti paartileen michuu “hanga yoomitti michuu taana?” jechuun yoo gaafatanillee ”isin ganaa dha” jechuun dhiibuun akka ture yaadachiisanii, har’a garuu “kottaa walitti dhufnee waliin hojjennaa” jechaa jirra jedhan.

Haalli siyaasaa Itiyoophiyaa gama hedduun jijjiiramuus ibsan.

Dhaabbileen diimokiraasii kanneen akka Koomiishinii Mirga Namootaa fi Boordii Filannoo guutummaatti dhiibbaa mootummaa irraa walaba gochuus hubachiisan.

Dhiyeenyattis miseensonni Boordii filannoo bakka bu’uun filataman keessatti mootummaan ga’ee tokkollee akka hinqabnee fi yaada koree filachiidtuu kabajuun kanneen filataman guutummaatti fudhachuu eeraniiru.

Komiishiniin mirga namoomaas gabaasawwan baay’ee mootummaa irratti utuu baasuu, miidhamaa ta’e bu’aa qabaatullee, aadaan akkanaa akka baratamuuf callisnee fudhachaa turre malee kun maaliif ta’e jennee hinbeeknu jedhan.

Jijjiiramoonni gama hedduun jiraachuu itti fufuun kan ibsan Dooktar Abiy, akka sirnoota darbanii dhaabbilee duraan turan utuu hindiigin raayyaa keessattis ta’e damee siyaasaan utuu ga’umsa qabanii warreen baqatanii ala ba’an dabalatee deebisuun dhaabbilee Itiyoophiyaa ijaaraa jirraa hubachiisaniiru.

Qabeenyi Itiyoophiyaa hundi fooyya’uu fi haaromfamuun dhalootatti ce’uu qabas jedhanii, gamoo Faasil fi manneen Amantaa Laalibalaa, Masaraa Abbaa Jifaar fi Halaalaa Keellaa haaromsuuf ceesisuuf hojii hojjetame akka fakkeenyaatti dhiyeessan.

Jijjiirama gama dinagdeen jiruufis Fooyya’iinsa dinagdee Gooroo akka argisiistuu guddaatti eeruun jijjiirama qabatamni sababa kanaan dameelee dinagdee hedduu keessatti galmaa’e yeroo gabaabaa kana keessattini dhufa jedhanii akka hin eegin dubbataniiru.

Qaala’iinsi gatii kanumarraa ka’uun walakkaan gadi hir’achuus bu’aa dhufe keessaa akka fakkeenya tokkootti eeran.

Jijjiiramoota akka biyyaatti dhufan kanneen kabajuu fi kanneen hafan akka sirrataniif yaada fooyya’aa dhiyeessuun paartilee morkattoota irraa akka eegamus hubachiisan.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii:
www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara: https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment