Jila Atileetiksii Itiyoophiyaaf gaggeessaan taasifame

Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Jila Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Jaappaan Tookiyootti gaggeeffamurratti hirmaatuuf gaggeessaan taasifameera.

Itiyoophiyaan shaampiyoonichaan fageenya Meetira 800 hanga Maaraatoonitti ni hirmaatti jedhame.

Hoggantoonni olaanoon Mootummaa, Ambaasaaddaroonni, hojii raawwachiiftoonni Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa fi keessummoonni waamichi taasifamuuf sagantaa gaggeessichaarratti argamaniiru.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan Fulbaana 3 – 11, 2018tti Jaappaan Magaalaa Tookiyootti gaggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment