Jilli Aartii Itiyoophiyaa Raashiyaa magaalaa Seenti Piitarsibargitti hojii jalqabaa dhiyeesse

Finfinnee, Fulbaana 2, 2018 (FMC) – Jilli Aartii Itiyoophiyaa Waltajjii Aadaa fi Aartii missiraachoo bayyanannaa Itiyoophiyaa isaa jalqabaa Raashiyaa magaalaa Seenti Piitarsibargitti dhiyeessera.

Waltajjichaan agarsiifni muuziqaa sabaaf sablammootaa fi uffanni aadaa dhiyaatera.

Jiraattoonni magaalichaas agarsiisa aadaa fi muuziqaa Itiyoophiyaa dhiyaateetti gammaduu ibsan.

Jilli aartii Itiyoophiyaa, agarsiisa aartii ergama of keessa qabu kana duras Chaayinaatti dhiyeessuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment