Finfinnee, Adoolessa 7, 2017( FMC)- Jilli garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa umrii waggaa18 fi 20 gadiirratti hirmaachuuf gara Naayijeeriyaa Abuukuutaatti imaleera.
Jilli garee Atileetiksii kun Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa umrii waggaa 18 fi 20 gadii akka bara faranjootaa Adoolessa 16-20, 2025tti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf garas imale.
Hoggantoonni olaanoon Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti argamuun jila garee atileetiksii kana geggeessaaniiru.
Dabalataan jille garee atileetiksii dargaggootaa guyyaa har’aa halkan gara Naayijeeriyaatti akka imalu ifoomeera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.