Jimmatti Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo eegale

Finfinnee, Qaammee 5, 2017 (FMC)- Sadarkaa Pirezidaantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa obbo Saadaat Nashaan Magaalaa Jimmaatti Wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo banuun hojii eegalchiisan.

Wiirtuun kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo teknooloojii ammayyaa’aan kan deeggarame ta’uun ibsameera.

Wiirtuun kun tajaajilli kennamu fedhii lammiilee giddu-galeessa kan godhate taasisuu, mootummaa fi lammiilee gidduutti walitti-dhufeenya gaarii uumuu, alseerummaafi hojimaata badaa hambisuu, sirna iftoominaa kenna tajaajilaa dijjitalessuu, saffisiisuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu keessatti qooda guddaa qaba .

Qaammeen 5 Guyyaan Egeree mata duree “Diijitaal Itiyoophiyaa Dhugoomsuu” jedhuun eebba wiirtuu kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo Magaalaa Jimmaafi sirnoota garaagaraan kabajamaa jiraachuu ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment