Jireenya Dargaggootaa fooyyeessuuf Aadaa hojii jijjiiruu…

Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC)- Aadaa hojii jijjiiruun jiruu fi jireenyaa Dargaggootaa fooyyeessurratti xiyyeeffachuun barbaachiisaadha jedhan Hoggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa.

Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa, Inistiitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo waliin ta’uun Kora Dargaggootaa 4ffaa qopheessuun Yuunivarsiitii Bulee Horaatti taa’ameera.

Daarektarri Inistiitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Dooktar Dirribaa Tafarraa, Dargaggoonni ce’umsa biyyaa milkeessuu kan danda’u yoo aadaa hojii gabbiifatanidha jedhan.

Bakki cabiinsa jabaan tokko aadaa hojii guddachuu dhabuudha kan jedhan immoo Hoggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaati.

Hoggansii fi hawaasni waliin tumsee carraa hojii guddisuun aadaa hojii gabbisuu qabas jedhan.

Dargaggoonni aadaa hojii isaanii gabbifachuun hirmaannaa isaanii guddisuu akka qabanis dhaamaniiru.

Getaachoo Mul’ataatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment