Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC) –Lammiin Biraaziil Jifataan Biraayitan Joo’aawoo Peediroon Cheelsiif mallatteesse.
Joo’aawoo Peediroon hanga bara Faranjootaa 2032tti kilaba Lixa Landan Cheelsii keessa turuuf mallatteesseera.
Cheelsiin jijjiirraa Peedroof kallattiin Paawundii miiliyoona 55 kan kaffalu yoo ta’u, ilaallame kan dabalamu Paawundii miiliyoona 5 dabalataan baasii godha jedhame.
Dargaggeessi umrii waggaa 23 jifataan Biraayitan Peediroon bara taphaa darbe keessa kilabichaaf taphoota 27 taphachuun galchii 10 galchuun kubbaa galchii ta’an 6 ammoo mijeessee kenneera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.