Joozee Moriinhoon har’a kilaba isaa duraanii waliin falmata

Finfinnee, Fulbaana 20, 2018 (FMC) – Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 2ffaan har’a magaaloota Awurooppaa garaagaraa keessatti ni taphatamu.

Har’a halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Joozee Moriinhoon Beeneefikaa dursuun kilaba isaa duraanii Cheelsii waliin falmiin taasiisu ni eegama.

Cheelsiin kilaba jabaa ta’uu dubbatan, Joozee Moriinhoon yaada taphichaan dura kennaniin.

Ani yeroo hunda Cheelsiin deeggara, har’a garuu Beeneefikaan akka Cheelsii injifatu nan hojjedha jedhan.

Galgala sa’aatii 1:45 jalqabee Riyaal Maadriid – Kaayiraat Almaatii, Ataalaantaan – Kilab Biruuji waliin taphatu.

Halkan sa’aatii 4:00 irratti Liiverpuul – Galataasaaraay, Tootenhaam – Boodoo Giliimti waliin falmatu.

Akkasuma Inter Miilaan – Islaaviyaa Piraag, Baayerni Muunich – Paafoos, Atileetikoo Maadriid – Intiraakit Firaankfarti, fi Maarsee – Ayaaksi Amistardaam waliin morkatu.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment