Finfinnee, Waxabajjii 9, 2017 (FMC) Kaabineen bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii 12ffaa waggaa 4ffaa ta’een ajandaawwan murteessoo lama irratti mari’atee murtoon dabarseera.
Haaluma kanaan bajetni bara 2018 magaalaa Finfinnee birrii biliyoona 300 fi biliyoona 50 ta’ee mana mareef akka dhiyaatu murteesseera.
Wixineen baajetichaa irra jireessaan hiyyummaa hir’isuu irratti xiyyeeffachuun pirojeektota gurguddaa misooma waaraa fidan, carraa hojii uumanii fi tajaajilootaa fi dhiyeessii deggersa gaaffilee uummataaf deebi’i kennan of keessatti hammachuun baajeta kaappitaalaa birrii biliyoona 200 fi biliyoona 49.9, akkasumas baajeta idilee of eeggannoo fi qusannaa bu’uureffate baajeta baaxii birrii biliyoona 100 murteessera.
Gama biraatiin gatii caalbaasii Liizii lafaa Biiroo Bulchiinsaa fi Misooma lafaan dhiyaate irratti mari’achuun naannoolee misooma koriidariin misooman irratti sadarkaan dhiyeessii bu’uuraalee misoomaa waan guddateef, misoomni koriidarii gama gatii lafaa tasgabeessuu fi fedhii misoomaa qorachuun fooyya’iinsa gatii Liizii dhiyaate murteessuu isaa Kominikeeshiniin magaalichaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.