Finfinnee, Amajjii 8, 2018 (FMC) – Kaabineen bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 7ffaa bara hojii 5ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoowwan adda addaa dabarseera.
Haaluma kanaan:-
1. Wixinee dambii hundeeffama Waajjira Pirojektii Qophii Pilaanii Caasaa Magaalaa,
2. Wixinee dambii sirna naamusaa, komii fi ol iyyannoo hojjettoota mootummaa,
3. Yaada murtoo Piroojektoota faayidaa biyyaalessaa qaban ramaddiin dabarsuu ilaalchisee dhiyaatanirratti mari’achuun murtoo dabarseera.
4. Akkasuma Kaabineen bulchiinsa magaalichaa qorannoo sadarkaa iddoo ilaalchisee murtoo kenneera.
Dabalataan Kaabineen bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 7ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessee kanaan dhimmoota adda addaarratti mari’achuutu ibsame.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.