kaadhimamtoonni kuma 10 ol filannoo irratti dorgomuuf dhiyaataniiru – Boordicha

Finfinnee, Guraandhala 27, 2018(FMC) – paartilee Siyaasaa galmaa’an 47 irraa kaadhimamtoonni kuma 10 fi 934 filannoo irratti dorgomuuf dhiyaataniiru jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa.

Walitti qabduun boordichaa Meelaatwarqi Haayiluu ibsa midiyaaleef kennaniin, boru Guraandhala 28, 2018 irraa eegalee galmeen filattootaa ji’a tokkoof ni geggeeffama jedhan.

Adamsa filannichaan lammiin Itiyoophiyaa waggaa 18 ta’e, naannoo jireenyaa isaa ji’a ja’a jiraatee fi kan hin dhorkamin hundi hirmaachuu akka danda’u dubbataniiru.

Guraandhala 28 irraa hanga Bitootessa 1, 2018tti buufataalee filannoo hundi kan banaman yoo ta’u, Boordichi galmee geggeessuuf buufataalee hundatti qophii xumuruu ibsaniiru.

Dhaabbilee Siyaasaa 47 Boordichaan galmaa’an irraa kaadhimamtoonni kumni 10 fi 934 dhiyaachuu ibsanii, kaadhimamtoonni kumni 2 fi 98 Mana Maree Bakka Bu’ootaaf kan dorgoman ta’uu fi kumni 8 fi 236 ammoo bakka bu’oota naannoolee ta’uu isaani ibsaniiru.

Kaadhimamtoonni 73 ammoo dhuunfaan dorgomuuf akka galmaa’an dubbatan.

Naannoo filannoo jijjiramu, mana maree jijjiiramuu fi wal jijjiirraa bakka bu’ootaa Boordichi paartilee Siyaasaa waliin dubbachuun raggaasisee xumuruus hubachiisaniiru.

Sirna carraa filannoo paartileen ittin dorgoman Boordichi akka murteessu eeranii, halawwan filannicha dandeessisan paartilee waliin ta’uun halluuwwan Magariisa, Keelloo fi Diimaan adda baafamaa jiraachuus ibsaniiru.

Amdawarqi Shibaabbaawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment