Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC)- Barataan Kaaliid Bashiir Mana Baruumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa irraa akka biyyaatti Qabxii olaanaa galmeesseera.
Kaaliid Bashiir Qabxii Qormaata biyyaalessaa kutaa12ffaa bara kanaa Saayinsii Uumamaan 591 galmeessuun sadarkaa 1ffaa qabateera.
Qabxii olaanaan sadarkaa biyyaatti mana baruumsa Bultii Addaa Dodolaatti galmaa’u isaan gammaduu Daayrektarri Mana Baruumsichaa Obbo Dettuu Diboo Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Barataan Mana Baruumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Dodolaa 600 keessaa qabxii 591 fideera.
Hoggansi, hojjettoonni fi barsiisonni mana barumsichaa qabxii argameef gahee olaanaa bahachuu dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.