Finfinnee, Hagayya 9, 2017(FMC) – Liidsi Yuunaayitid Doomniik Kaalverti Liwiiniin mallatteessise ifoomseera.
Taphataan sarara fuula duraa, lammiin Ingiliz umrii waggaa 28, waliigalteen Evertan waliin qabu hordofee jijjiirraa bilisaan kilabicha keessa waggaa turuuf kan mallatteesse.
Bara taphaa xumurame keessa taphoota 26 Evertaniif taphateen galchiiwwan sadii kan galche yoo ta’u, kubbaa galchii taatu tokko ammoo miijessee kenneera.
Doomniik Kaalverti Liwiin Evertan irraa turtii waggaa sagalii booda adda ba’uu isaa ”Sky News” gabaaseera.
Liidsi Yuunaayitid bara dorgommii 2025/26f gara Piriimiyeer Liigii Ingilizitti guddachuu isaa ni yaadatama.