Kaansarii fiixee Gadameessaa fi dhibeewwan daddarboo hin taane ittisuuf hojiileen garaagaraa hojjetaman

Finfinnee, Caamsaa 27, 2017(FMC)–Itiyoophiyaan Kaansarii fiixee Gadameessaa fi dhibeewwan daddarboo hin taane to’achuuf hojiilee garaagaraa hojjeterti jedhe Ministeerri Fayyaa.
Ministeerichatti Hogganaan Deeskii Ittisaa fi To’annoo Dhibee Daddarboo hin taanee fi Fayyaa Sammuu Dooktar Salaamaawiit Ayyalaan, akka biyyaatti leenjii ogeeyyii fayyaa, dhiyeessii qorichaa fi dameelee hedduun hojii hojjetameen guddinni olaanaan galmaa’e jedhan.
Ministeerichi shamarran miiliyoonni 14 talaalli ittisa dhibee Kaansarii Fiixee Gadameessaa akka fudhatan taasiseera.
Hojii dursanii adda baasuu, qorannoo fi wal’aansa dabalatee to’annoo fi qorannoo Kaansariicharratti tarsimoo akka dhaabbatichatti hojirra oolchuu Faanaa Diijitaaliif dubbatan.
Qorannoo Duraa Kaansarii Harmaas taasisuun bu’aan qorannoo fooyya’uun irra darbee carraa lubbuun jiraachuu kan guddise ta’uu hubachiisuun, qajeelfama kaansarii harmaaf leenjiin qophaa’ee hojitti galfameera jedhan.
Gama biraatiin dhibeewwan daddarboo hin taane ittisuufi to’achuuf hojiilee hojjetamaa jiraniin cinatti, dhimmicharratti hawaasaaf hubannoo uumuu fi sochiilee Ispoortii garaagaraa akka taasisaniif hojjetamaa jira jedhan.
Yohaannis Darriboowutu gabaase.
Comments (0)
Add Comment